QARQARA BISHAANII SIYAATIL JIJJIIRUU

Magaalaan Siyaatil wiirtuu qarqara bishaan Siyaatil irra-deebiin ijaaraa jira. Hojiin kun kan hammatu qarqara bishaanichaatti paarkii karaa miillaa ijaaruu, qarqara Daandii Alaaskaa irratti karaa balleensa haaraa ijaaruu, Riqaa 58 fi Riqaa 62 irra-deebiyaanii ijaaruu, xafxafoo Bakka Gabaa Ol-ka’aa irraa ka’ee qarqara bishaaniin walqabsiisu ijaaruu, akkasumas karaa baha-lixaa kan wiirtuu magaalaa Elliwoot Baay gidduu jiru wal qunnamsiisa foyyeessuudha. Hojiin, Qarqara Bishaan Siyaatil, jedhamu kun $806M, hojii waggoota baayyee turu ta’ee bara 2025 xumurama jedhamee eegamudha. Waajira Qarqaa Bishaaniifi Pirojektiiwwan Sivikii Magaalaa Siyaatiliin gaggeeffama.

Bakka kana hiikuudhaaf, fuula kana gara gubbaarra kan jiru Google Translate irraa “LANGUAGE” filadhu.

Hiikkaa dabalataa gaafachuudhaaf ykn tajaajila turjumaanaa gaafachuudhaaf, yookaan ammoo bakka turtii warreen hir’ina qaamaa qabaniif gaafachuudhaaf karaa (206) 733-9990 / TTY Relay bilbili: 711.

Documents icon

Waa’ee sagantaa kanaa odeeffannoo hiikkaman dabalataa argachuudhaaf, dokumantiiwwan kanneen ilaali:

Kaardii Sagantaa Qarqara Bishaan Siyaatil - Waxabajji 2018